Jump to content

User:Baharabdi87

From Wikipedia, the free encyclopedia

Finqillee (finkile) Qopheessaan baharudin abdi dawid Finqilleen godina harargee baha, Aanaa Haramayatti kana argamtu yoo tahu. Magaala haramaya irra gara kaabatti fageenya km12 irratti argamti. Akkasumas Haramaya yunivarsitii irra gara kaabatti km7 fagaatte argamti. Finqilleen gara kibbaatiin Xinniqqee, gara bahatiin Bacaqqee, gara dhihatiin Kurroo harotii, gara kaaba dhihatiin Amuumaa fi gara kaabatiin Qeerransa darrabbattiin wal daangeessiti. Finqilleen gandoota 14+kan of jala qabdi. magaalan finqillee magaala Mardoo jedhamti-Haallii qilleensa finqillee badda daree yoo tahuu Oomisha kudratiif fi mudra, midhaan akka boqqolloo fi bishingatiif akkasumaas Oomisha jimatiif mijjooytu dha.Iddowwan seena qabeessa finqilletti argamu. maqaan finqillee yeroo ka'u iddowwan kunniin irra hin hafan.Dirree Sharro Dirreen sharroo Ooyruu warra mummee sharroti. maqaa kanaas kanuma irra argatte. iddoo kun bakka jalaqa ummanni finqillee tajajila hawaasumma irra argacha ture dha. Keessattuu mana yaala jalqaba, mana barnoota, haqaa barbaadaf dirree sharroo deemuun dirqama akkasumaas teeysuma caasa aradatiis tahe bekkama.Raaree Cilaalluu Raaree Cilaalluu hundee gamtaa . Iddoon tun hara xinniqqeetiin wal qabatte hanga Amuumati naannooyti. Kudraan finqilleen beekkamtuun madda raaree cilaalluutiin Oomishamti. qotee bulaan finqille qonna ammayyawaa ogeessoota koriyaa irra dhufaniin leenji'uun qonna ammayya hojii irra olchuun ithiopia keessa isaan jalqabati. raareen cilalluu tun bu'uura fi madda bishaani guddoo tahuun kudraa fi mudraa finqilleen beekkamtuun Oomishuu keessatti ga'een raaree cilaalluu layyootti tan ilaalamtu miti. masnoon finqillee oomosha kudra isiini gumachituu kun hanga biyya Jibuutitti eksiport taha. finqillee, finqillee kan godhe raaree cilaalluti ;raaree cilaallu, ammoo raaree cilaalluu kan godhe bishaan hara xinniiqeeti. iddoo horsiisa qurxummii fi Oomisha qurxummii, jireenya allattiwwan adda addaatii , iddoo Bashannan bishaan dakkii fi bineensoota adda addaatiif iddoo jireenya tahe tajajila ture. dhumaatiin bishaan hara xinniqqeeti fi kufatiin finqillee wal qabata.shindoon iddoo bosana fi galma bineensoota akka taate ni beekkama. Arra hin ji'in malee ammaan dura shindoo halkan dhiisii guyya adiillee namni tokko kopha deeme iddoo kana hin qaxxamuru soda bineensatiif (warabeeysatiif) jechuu dha. Iddoon kun iddoo dahannoo qabsa'oota tahe hanga tokko tajajile jira. Garuu yeroo amma iddoo kun xiyyeeffannoon barbaachisu waan hin kenneminiis jecha irra jireessi isa gara lafa qonnatti jijjiirame jira. Bineensi keessa jiraachuun wal nama gaafachiisa. Magaala MardooMoggaasni magaala tana nama maqaan isii Mardoo wariyo ja'amu irra kan moggafame yoo tahu osoo magaalaan iddoo kana hin turin dura muka hadaami jala teeyse nama karaa magaala haramaya deemu irra waan takka takka bitte ichumatti akka gurgura turte ni beekkama. Kanuma irra ka'uun magaala mardoo ja'amte moggaafamte. Magaala tun yeroo amma magaala waan barbaadan hunda irra arkatan taate jirti. Keessattu gara galgala adeemsi bitta fi gurgurta bayyee ho'a dha. bayyina nama "dhakhaan darban lafa hin bu'u.Dhakhaa Mataa Arbaa Qancarreen gaara ykn daggala dhakha fi mukkeen adda addaa of keessa qabu dha. Dhakhaan mataa arbaa iddoo qancarree ja'amu kanatti argamta. qancarreetti lubbuu baddee, lafee owwaala dhabde qancarreen osoo afaan beeyte ni dubbatti. Dhakhaa mataa arbaa qancerree keessa iddoo beekkamtu dha. kunis dhakhaalee jiran keessa hanga isatiin hundarra gudda waan ta'een jecha dhakha mataa arbaa jedhame moggafame. Dhakhaa kana jala isaa iddoo hormaata warabeeysa tahuun beekkama. Seena qancarree fi dhakhaa mataa arbaa kan ibsame kan oli akka tahe nuuf hubadha. ( seenan isaa bayyee dha ibsame hin dhumne). Mana Olma Da'immanii (mana Da'ima)Olmaan kun akka Mana Daa'imaa jedhamuun kan beekkamu yoo tahu harargetti Olmaadaa'immani kan jalqabati. Olmaan ijaramuun isaa sirna dargii gara bara 1980tti dhumati. Olmaa da'immanii kun waggaa 30 dura hojjatame fi seena qabeessa tahe dha. Kanaafu magaziinni fi wajjiroonni naannawa sanitti argaman Jiddu gala soshalizimi fi kuusaa miidhaani , waajjira walda'a ("biiroo mahabara" ) Oomishitoota ture. .Qabsoodhaan wal qabatee: Finqilleen qabsa'oota bayyee gumachite jirti. isaan keessa beekkamoon:-1. Ararsoo Wadaay,2.Caffeeti.qopheessa:- Bahar Abdi