Jump to content

User:Galana430

From Wikipedia, the free encyclopedia

Who is Jaal Marroo!?

Jaal Marroon kan dhalatee guddate Oromiyaa keessattidha. Oromiyaan haftee caccabsuu biyya qarooma Kuush durii yoo taatu yeroo ammaa kanatti bittaa warra Xoophiyaa jalatti kuftee kan argamtudha.

Jaal Marroon nama barate yoo ta'u, qabsoo uummanni Oromoo bilisummaa fi garboomfataa finciluuf taasisaa ture keessatti of kennuun nama hirmaataa turedha.

Adeemsuma jiruu isaa keessas mormii garboomsaa irratti godhuun waggoota kurmaana lama dura yuunivarsiitii Finfinnee dhiisee bahuun gara dirree qabsoo tti makameera.

Qabsoo gaggeessaa ture keessattis miseensa, ajajaa, ajajaa Zoonii (Lixa Oromiyaa), Hogganaa Walii Galaa Dhaaba ABOWBO fi haga Hayyu Duree ta'uutti tajaajilaa kan jirudha.

Yeroo garagaraatti mootummaan ajjeesnerra jedhee miidiyaaf ibsa kennaa turus Jaal Marroon uummanni bal'aan fuula isaa fi sagalee isaa beeku garuu turee bulee ani jira hin duune jedhee irra deddeebbiin mootummaa garboomsaa qaanesseera!