Jump to content

User:Ijoolleef

From Wikipedia, the free encyclopedia



☆ Gaaffiif deebii marsaa 26ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 1ffaa irra



________________

☆ [1] Haati rasuulaaﷺ deesse eenyu jedhamu?

  1. A| Amin bint wahaab
  2. B| ummu eeyman
  3. C| suweeybaa
  4. D| haliima as sa'adiyaa

☆ [2] Nabii keenya ﷺ kan muhamed jedhee itti moggaase eenyu?

  1. A| Abbaa isaa Abdallaah
  2. B| Akaakoo isaa Abdul muxxalib
  3. C| Adeera isaa Abu xaalib
  4. D| Akaakoo isaa Abu xaalib

[3] kan gadii keessaa isa kamtu adda?

  1. A| Masruuhaa
  2. B| Sheeymaa'a
  3. C| Abdallaah
  4. D| Aniisaa

[4] Rasuulli ﷺ obboleewwan gara haadhaa fi abbaa qofa meeqa qabu?

  1. A| 3 #B| 7 #C| 5 #D| deebii hin qabu

[5] Rasuulli ﷺ hogga kadiijaa fuudhan umriin isaanii meeqa?

  1. A| 40 #B| 25 #C| 35 #D| 30

[6] _ ____Foon dablataa jihaa onnee isaatin jiru hoggaa tahu, Killee Handariitti qixxaata. Deebii 6》mallattoon [ kaatam al nabawwii]/nabiyyii isa xumuuraa jedhu

☆ [7] Mallattoolee Nabiyummaa tan nabiin ﷺ irraa Mul’ataa turerraa 3 barreessi. 1__2____3__

Deebii 7》●Wahyiin itti bu’uun duratti ﷺ mallattoon Nabiyyummaa irraa mul’aatuu jalqabde. Mallattoolee sanirraa:

●》Manaabni Inni argu hundi dhugaatti mul’atuu jalqabe. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam wahyiin dura kan Isa jalqabde Manaabaani ture. Manaaba Isaa hunda Zaahiraan arguu jalqabe. Haala sanirra baatii 6 eega ture booda wahyiin duraa gama Jibriilin itti dhufte. ●》Kophaa bahuutu Isa jaalachiisuu jalqabe. Rasuulli ﷺ gaara Hiraatti kophaa bahee Rabbi Isaa gabbaraa ture. Hoggaa gama Gaara Hiraatti bahu sinqii halkan hedduuf isaaf geeysu fudhatee baha. Kophaa bahee uumaa Rabbii gad lallaaluun dabarsa. ●》Dhagaa fii Mukhni Isarratti Salaammatu jalqabe. Rasuulli ﷺ “Osoo ani hin ergamin Dhagaa Makkaatti narratti salaammataa ture nin beekha.” Je’e. Sahiiha Muslim


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※


☆ Gaaffiif deebii marsaa 27ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 2ffaa "A" irraa


______________________

[1] Suuraan Dursa Nabiin (s.a.w) irratti [1] Suuraan Dursa Nabiin (s.a.w) irratti buute _ kami?

  1. A| suuraa al muddasir
  2. B| suuraa al alaqi
  3. C| suuraa al baqaraa
  4. D| suuraa al Faatihaa

[2] Da'awaan rasuulli Makka keessatti [2] Da'awaan rasuulli Makka keessatti dhoksaan godhaa ture wagga meeqa fudhate?

  1. A| 3 #B| 5 #C| 13 #D| 10

[3] Erga suuraan __ buute nabi ifatti 3] 3. Erga suuraan __ buute nabi ifatti da'awaa lallabuu eegale.

  1. A| iqra'a #B| muddasir
  2. C| hijri #D| iklaas

[4] Tarkaanfiin qureyshonni da'awaa [4] Tarkaanfiin qureyshonni da'awaa islaam dhaabuudhaaf jalqaba fudhatan.

  1. A| Nama islaamumma qabate miidhuu.
  2. B| Waliid ilma mugiraa nabitti erguu.
  3. C| Karaa Adeera isaatiin da'awaa irraa dhaabsisuu yaaluu.
  4. D| jihaada ykn lola banuu.

[5] Sahaabiwwan kanneen keessaa kan dursa islaamummaa qabate/qabatte eenyu?

  1. A| Abu bakr as-siddiiq
  2. B| kadiij bintu kuweylid
  3. C| Bilaal
  4. D| Aliyyi

[5]. Da’waan ykn Yaamichi Makkaah . . [6] Da’waan ykn Yaamichi Makkaah bakka __2__ qoodamti isaanis?___________

6》● Yaamichi Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godhaa ture haala yeroo inni kheeysa dabreen hoggaa laalle, bakka lamatti qoodamti: 

1- Da’waa Makkiyyaah Yaamicha gaafa Makkaah jiruuti, Yaamichi gaafa Makkaah jiru godhe, amata 13 fudhatte.  2- Da’waa Madaniyyaah Yaamicha eega Madiinaatti Hijiraa godheeti, Amata 10 fudhatte. 

●Da’waan ykn Yaamichi Makkaah bakka lamatti qoodamti:  1- Da’waa iccitii (dhooysaati): Amata sadiihiif da’waan dhooysaan godhamaa turte. 

2- Da’waa mul’attu (Ifa baatuu): Afaaniin ilmaan namaatti dirree baasuun da’waa godhamaa turte. Amata 4ffaa Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraatti da’waa godhamte. 

[7] Warra Abuu Bakri adaba Qureeyshii jalaa bitee bilisoomse keessaa 2 himi. 1_______2______

Deebiin 7》1.● Bilaal bin Rabaah  2. ● Aamir bin Fuheeyraah.

☆ Gaaffiif deebii marsaa 28ƒƒaa


☆ Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 2ffaa "B" irraa

____________________

[1]. Nabi s.a.w Suuraa kam qaraanaani kan muslimnii fi mushrikkonnis osoo of hin beekin iddo sajadaatti sujuuda bu'an.

  1. A| suuraa alaqaa
  2. B| suuraa najmii
  3. C| suuraa hijrii
  4. D| suura muddasir

[2]. Yeroo balaan Muslimootarra gahaa turte akka malee jajjabaatte san kheeysatti__&__ Islaamawuu Isaan lamaaniitiin Islaamni daran jabaatte.

  1. A| Hamzaa & Aliyy
  2. B| kaalid & Hamzaa
  3. C| Hamzaa & Umer
  4. D| Umer & Abubeker

[3]. Sahaabonni hijraa lammaffaa keessatti makkarraa ka'uun biyya habashaa dhaqan hangami?

  1. A| 83+18=101
  2. B| 84+18=102
  3. C| 17+84=101
  4. D| 11+4=15

[4]. Nabiyyummaa boodaan, Sahaaboonni kabajamoon Dhiira _ fi dubartoonni___gama lafa Habashaatti yeroo duraatiif Hijiraa bahan.

  1. A| 11 & 4
  2. B| 4 & 84
  3. C| 11 & 15
  4. D| 84 & 83


[5]. Yeroo lammaffaa Osoo gama Habashaa Hijiraa deeman karaa irratti sahaabiin jawween iddamee karaatti du'e enyu?

  1. A| kabbaab
  2. B| ka'abi
  3. C| utbaah ilma rabi'a
  4. D| kalid ilma hizaam

5-》D [Khaalid bin Hizaam Obboleeysa Hakiim bin Hizaam Rabbi Irraa haa jaalatuu,warra dura Islaamawe kheeysaa tokko. Osoo gama lafa Habashaa Hijiraa bahanii deeman karaatti Jawween idditee du’e. Warri Hijiraa lamaffaa gama lafa Habashaatti bahe dhiira 84, Kan dhaqe dhiira 83, Khaalid karaatti waan du’eef. Kanaaf 83+



[6]. Tooftaa Qureeyshiin Utbaah bin Rabii’aa Rasuula Sallallaahu Aleeyhi wasallam bira dhaqi jetteeniif maal fa'a ture?

6》●Qureeyshiin ammas tooftaa haarawa baafachuun Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufte. Malli haarawni baafatan: •Qabeenya guddaa, •Dubarti ati feete fii •Mootii si goona jechuun sossobuuf yaalan, akka inni saniif jecha yaamicha gama Islaamaa godhurraa dhaabbatuuf.


[7]. Sababaan Warri lafa Habashaatti Hijiraa bahe baatii Shawwaal Nabiyyummaa booda amata 5ffaa kheeysa gama Makkaah deebi’anif maal se'aniiti?

7》●Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam sagalee ol fuudhee Suuraa An-Najm qara’uu jalqabe, hoggaa bakka Sajdaa (sujuuda Qur’aanaa) gahe ni sujuude, guddina aayaatoota dhagahaniitiin buutamanii Mushrikootaa fii Muslimoonni bakka san jiran hundi Isa wajjiin sujuuda bu’an.

Mushrikoonni Makkaa Sujuuda bu’uun Warra Habashaatti Hijiraafbahan bira gahe. Oduun jijjiramtee warri Makkaa Islaamawan jechuun Isaan dhaqabde. Warri lafa Habashaatti Hijiraa bahe baatii Shawwaal Nabiyyummaa booda amata 5ffaa kheeysa gama Makkaah deebi’an.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)~


☆ Gaaffiif deebii marsaa 29ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 1ffaa "C" irraa


____________________

[1]. Namoonni xalayaa qoqqobbii qureyshiin katabde sana ciran Nama meeqa tura.

  1. A| 4 #B| 5 #C| 6 #D| 7

1-》"B"Qoqqobii irra kaayuu jechuun: Isaanitti hin gurguran, irraa hin bitan, Isaan wajjiin hin taa’an, Isaaniin walitti hin laaqqatan (hin makaman), Dubartii Irraa hin fudhan, itti hin kennan, hanga Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dabarsanii kennaniiti. Banii Abdu Al-Muxxalib fii Banii Haashim gaara lama jidduutti walitti qabamanii kophaa jiraachuuf dirqaman, bakki sun “Shi’bu Abuu Xaalib” jechuun moggaafamte. Amata 3 haala saniin namarraa muramanii rakkinaan dabarsan. rakkoo fii beelti itti jabaatte. Hanga waan nyaatan dhabanii baala nyaatan gahan. Firoonni Rasuulaa s.a.w haala san keeysa osoo jiran, Namoonni Muraasni Qureeyshii irraa tahan, kan haala jireenya firoota Rasuulaa S.a.w arganii rifatan, Ka’abaa kheeysaa waraqaa walii galtee qoqqobbii san baasanii ciran. Namoonni Waraqaa qoqqobbii Qureeyshiin murteeysite san ciruuf muratanii itti ka’an nama shani. Hundi Isaanii kaafira gargaarsa namummaa godhuuf ka’an, Hangafni jara shanan sanii Hishaam bin Amr bin Rabii’aati. Isaatu jara hafan afran kakkaase.Afran hafan: Zuheeyr bin Abii Umayyaa Al-Makhzuumii, Al-Mux’im bin Adiyyi, Abuu Al-Bakhtariyyi bin Hishaam, Zam’aa bin Al-Aswad. Jarri shanan suni halkan walitti dhufanii xalayaa qoqqobbii Qureeyshiin katabdee Ka’abaa kheeysa kaayatte ciruuf murteeyfatan. Murtii Isaanii hojitti jijjiranii waraqaa san ciran.


[2] Adeerri Rasuulaa (s.a.w) Abuu Xaalib _ qoqqobbii _du’e.

  1. A| bahan booda.
  2. B| osoo hin ba'in.

2-》"A"Adeerri Rasuulaa S.a.w Abuu Xaalib eega qoqqophee san kheeysaa bahan booda du’e.

[3] Rasuulli (s.a.w) adeerri Isaa hoggaa du’e akkana je’e: “Rabbirraa araarama siifin kadhadha waanin irraa hin dhorgaminiin” jedhanii turan. garuu ayaan qur'aanaa isa dhoorgitu buute suuraa kam keessatti.

  1. A| suura baqaraa
  2. B| suuraa iqraa
  3. C| suuraa muhammad
  4. D| suuraa towbaa

3-》"D"Rabbiin Suuraa At-Towbaa kheeysatti Rasuulaa fii Muslimoota warra kufrii irratti (odoo hin amaniin) du’aniif araarama akka hin kadhanne dhorgee jira, osoo hanga fedhe namni suni aanaa tahes. Rabbiin ol tahe akkana je’e:

مَا كَانَ لِلنَبِيِ وَالَذِينَ آمَنُوا أَن يَسْتَغْفِرُوا لِلْمُشْرِكِيَ وَلَوْ كَانُوا أُولِي قُرْبَىٰ مِن بَعْدِ مَا تَبَيََ لَهُمْ أَنَهُمْ أَصْحَابُ الْجَحِيمِ Suuraa At-Towbaa: 113

[4] Namichaan Osoo nabiin (s a.w) sujuuda irra jiran morma irra ejjate sun kami?

  1. A| utbaa #B| Abu lahabi
  2. C| Uqbaa bin Abi mu'ayyix
  3. D| Abi sufiyaan.

4-》"C" Uqba bin Abii Mu’ayyix Rasuula S.a.w osoo Sujuudarra jiru morma Isaa irra ijjate.

[5] Abuu Bakr As-Siddiiq gama Habashaa hijiraa godhuuf Rasuula (s.a.w) hayyama gaafate ture. Rasuulli (s.a.w) ni hayyameef. garuu gara habashaa hin dhufne turan maafi?

  1. A| Waasi aragatan.
  2. B| Haalli mijataa dhabaniiti.
  3. C| hayyama hin arganne ture.
  4. D| deebii hin qabu.

5-》"A" Abuu Bakr As-Siddiiq Sababaa balaan Makkaah keeysatti haalaan jabaatteef, gama Habashaa hijiraa godhuuf rasuula s.a.w hayyama gaafate. Rasuulli s.a.w ni hayyameef. Abuu Bakri As-Siddiiq Makkaah bahee gama lafa Habashaa deemutti seene. Hoggaa bakka Birak Al-Ghimaam ja’amtu gahu,Abuu Bakri namichi Ibnu Ad-Dughinnaah ja’amuun wal qunname. Ibnu Dughinnaan Damiina Gosa Al-Qaarrati, Abuu Bakriif Waasii akka tahu itti hime. Deebi’ii Rabbii kee Makkatti gabbarri je’een. Qureeyshiin Ibnu Dughinnaa irraa wasummaa Isaa qeebaltee Isa deebifte.

[6] “Warra ibidda kheeysatti adabamurraa, irraa salphaan (laafaan) gama adabaattii eennu jedhan?

6-》"Rasuulli S.a.w waa’ee Abuu Xaalib irraa gaafatamee akki je’e: “Warra ibidda kheeysatti adabamurraa irra salphaan (laafaan) gama adabaatii Abuu Xaalibi, kophee ibiddaatu Isatti kaayama saniif jecha sammuun Isaa danfa.”


[7] Kadiijaan Rabbi irraa haa jaalatuu Rasuulaaf (s.a.w) niitii qofa hin turre. maal fa'aan bira dhaabataa turte?

7-》"Khadiijaan Rasuulaaf s.a.w niitii qofa hin turre. Isatti amante, rakkoo gurguddoo hedduu kheeysatti wajjiin obsite, waan hunda kheeysatti gargaarsa taaateef. Khadiijaan Qananii Rabbiin Nabiyyii irratti tola olerraahi. Akka Bukhaariin gabaasetti Khadiijaan Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam Hijira gama Madiinaa godhuun dura amata sadii duute. Akkas jechuun Hijiraan dura amata sadii, Nabiyyummaa booda amata 10ffaa kheeysatti duute.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆ Gaaffiif deebii marsaa 30ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 3ffaa " A" irraa



________________________

[1]. Argamiinsi deemsa Israa’i fii Mi’raaji suni_____raawwate?

  1. A| guyyaa tokkotti
  2. B| halkan tokkotti
  3. C| halkaniif guyyaa tokkotti
  4. D| sa'aa tokko keessatti.

[2]. Rasuulli s.a.w samii 3ffaa keessatti Nabi_____ a.s argan.

  1. A| Yuusuf
  2. B| ibraahim
  3. C| isaa
  4. D| muusaa

[3]. Jibriil israa'i fi mi'iraajaaf hogga nabitti dhufee s.a.w jalqaba eessarraa eessa geesse?

  1. A| Makkaa irraa gara manaa
  2. B| Mana irraa gara makkaa
  3. C| makkaa irra gara aqsaa
  4. D| aqsaa irraa gara samii

[4]. Hoggaa Rasuulli s.a.w Jibriil waliin Masjida Al-Aqsaa ol seene Salaataaf ni iqaamame. Jibriil __ duratti dabarse, akka imaamoota ilmaan namaatiif(Ambiyootaaf) inni Imaama tahuuf jecha.

  1. A| Nabi ibraahim a.s
  2. B| Nabi muhaammed s.a.w
  3. C| Nabi Aadam a.s
  4. D| Nabi iisaa a.s


[5]. Rasuulli s.a.w Samii duniyaa kheeysatti waan argerraa.

  1. A| Haala warri nama hamatuu itti azzabamu
  1. B| Haala warri zinaa dalage itti azzabamu
  1. C| Haala warri Ribaa (dhala) nyaatu itti azzabamu arge.
  1. D| abba keenya Aadam Aleeyhi salaam arge.
  1. E| Hunduu deebii
  2. F| "D" malee hunduu deebi.


[6]. Samii 7ffaa keessatti Nabiin keenya s.a.w Abbaa Ambiyootaa Ibraahim a.s arganii turan. ummata keettitti maal naa himiif jedhaniin nabi ibraahiim?

6》●Nabiin keenya s.a.w samii 7ffaa kheeysatti Abbaa Ambiyootaa Ibraahim aleeyhi salaam arge.

Nabi Ibraahim Rasuulaan s.a.w akki je’een: “Ummata keetirratti salaamtaa naaf qari’i, ammas wanni Isaaniif himtu: Jannata biyyeen Isii bareedduu, bishaan Isii mi’aawaa, habaqaalli (Chiginyiin) isii: SUBHANALLAAH, ALHAMDULILLAAH, LAA ILAAHA ILLA ALLAAH, ALLAAHU AKBAR.”


[7]. imala israa'aa fi mi'iraaja jechuun hiikni isaa maali? 7》● Imalli Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Israa’i fii Mi’raaj kheeysatti godhe sun irra guddaa Mu’jiizaa Rabbiin Ergamaa Isaatiif kennerraahi. • Israa’a jechuun deemsa halkan Makka irraa gama Masjida Al-Aqsaa godhame. • Mi’raaj jechuun deemsa Al-Aqsaa irraa gama samii torbanii godhame mu'ujizaan kun kan raawwate halkanuma tokkotti.

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆Gaaffiif deebii marsaa 31ƒƒαa

☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 3ffaa "B" irraa☆ Gaaffiif deebii marsaa 31ƒƒaa



[1]. Jibriil waliin Jannata seene, Isii keeysatti waan hedduu arge Rasuulli s.a.w Jannata keeysatti waan argerraa.

  1. A| Fooqii Umar bin Al-Khaxxaab.
  2. B| Kaadimtittii Zeeyd bin Haarisaa.
  3. C| Laga Kowsar #D| hundaa

[2].Akkaataan Salaanni Shanan Israa’i fii Mi’raaj keeysatti dirqama itti taate raka’aa lama lama ture, salaata __ malee.

  1. A| Subhii #B| magriiba
  2. C| ishaa'a #D| asrii

[3]. Arkaanota islaama 5nan keessaa kan Rabbiin Nabii keenya s.a.w dirqamaan ofii itti kenne samiitti ol yaame?

  1. A| salaata #B| soomana
  2. C| hajjii #D| zakaa

[4]. Sababaa Da’waa gandoota Ansaaraa hunda kheeysa Islaamummaan seente.

  1. A| As’ad bin Zuraaraa
  2. B| Uqbaa bin Aamir
  3. C| Mus'ab ibnu umeyr
  4. D| Owf bin Al-Haaris

[5]. “Beey’atu Al-Aqabaa As-Saaniyaa” waadaa Aqabaa 2ffaa keessatti Namni dura nabiif waadaa gale?

  1. A| Al-Bar’aa bin Ma’ruur
  2. B| Uqbaa bin Aamir
  3. C| As’ad bin Zuraaraa
  4. D| Mus'ab ibnu umeyr

[6]. Kennaa Rabbiin gaafa israa'i fi mi'iraaj ummata Muhammadiif s.a.w kenne irraa:

6》●Kennaa Rabbiin gaafa san ummata Muhammadiif sallallaahu aleeyhi wasallam kenne irraa: ①• Salaata Shanan ②• Muslima hundaaf cubbuu guddoo ni araaramaaf, Akkas jechuun Ibidda keeysa abad hin turan waan towhiidarratti shirkii osoo hin dalagin du’aniin. ③• Aayaata lamaan xumura Suuraah Baqaraah.


[7]. Rasuulli s.a.w Jannata keeysatti maal fa'a argan? 1- Qallaa (Fooqii) Umar bin Al-Khaxxaab 2- Khaadimtittii Zeeyd bin Haarisaa arge. 3- Laga Kowsar. `` Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Ibidda Jahannam kan gariin isii garii caccaphsee wal nyaattu arge. Rabbi Ibidda Jahannamirraa nu haa baraaru.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※


☆ Gaaffiif deebii marsaa 33ƒƒaa

☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 4ffaa "A" irraa


[1]. Rasuulli s.a.w fii Abuu Bakr As-Siddiiq Makkaah bahanii gama Gaara____ qajeelan.

  1. A| hiraa #B| al aqabaa
  2. C| Soowrii #D| uhud

[2]. Namni gaafaa hijraa gara madiinaa sana nabiin s.a.w karaa Isaan agarsiisu eenyu jedhama.

  1. A| Abubkr assidiiq
  2. B| abdullaahi bin ureeyqix
  3. C| Aamir bin fuheeyraa
  4. D| deebii hin qabu.

[3]. Rasuulli s.a.w Waahila Isaa Abuu Bakr As- Siddiiq waliin Goda Gaara keeysaa guyyaa _____ booda bahanii gama Madiinaa Imaluu jalqaban.

  1. A| 1 #B| 2 #C| 3 #D| 4

[4]. Kuffaarri Qureeyshii wal gahii godhanii Rasuula s.a.w ajjeesuuf murteeysan.Nama Isa ajjeeseef gaala___badhaasa akka kennan labsa baasan.

  1. A| 10 #B| 100
  2. C| 1000 #D| 10000

[5]. Beey’aa Al-Aqabaa lammaffa boodaan baatiin lama hoggaa dabartu, Muslimoonni hundi Makkaa irraa gama Madiinaa Hijiraa bahanii dhumanii jiran. garuu Rasuula s.a.w fii Abuu Bakri achiin booda kan hijraaf ka'an.

  1. A| eeyyeni sirridha
  2. B| lakki jalqabumaa hijraa deemanii jiru.
  3. C| ji'a tokko dura
  4. D| "A" malee hunduu sirriidha.

[6]. Baraa’i bin Aazib akki ja’u: “Namni dura Sahaabootarraa Madiinaatti nutti dhufe,__________

6》●Baraa’i bin Aazib akki ja’u: “Namni dura Sahaabootarraa Madiinaatti nutti dhufe, Mus’ab bin Umeeyriti fii Abdullaahi bin Ummu Maktuum, egas Ammaar, Bilaal, fii Sa’ad bin Abii Waqqaas.”

[7]. Rasuula s.a.w Abuu Bakri As-Siqqiid, Aamir bin Fuheeyraa wajjiin osoo karaa deemanii waan hedduutu Isaan qunname. Sanirraa: 1...

                2..
                 3.....
                  4...

7》●Sanirraa: (maalummaa qissaa waan mudatee bal'inaan yoo dubbisuu barbaaddan see more tuqaa. 1. Qissaa Suraaqaa bin Maalik 2. Tiiysitee Islaamawe. 3. Qissaa Ummu Ma’abad Al-Khuzaa’iyyaah. 4. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Zubeeyr fii Xalhaa Isaan lamaan Shaam irraa gama Makkaa kan deebi’an karaatti qunname. __________ ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆ Gaaffiif deebii marsaa 34ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 4ffaa "B" irraa


____________________

[1]. Azaanni bara Hijiraa_______ keessa karaa godhamte.

  1. A| 5 ƒƒαα #B| 4 ƒƒαα
  2. C| 1 ƒƒαα #D| 2 ƒƒαα

[2].Nabiin s.a.w Madiinaa fi naannoo isii warra qubatuuf waliigaltee katabe. Qabxiilee meeqatti hire.? Kan walii gala biyyaa osoo hin dabalatin

  1. A| 3 #B| 4 #C| 5 #D| 2

2-》"A" isaanis-: ¹Muslimoota qofa ilaaltu, ²Mushrikoota ilaaltuu fi ³Yahuudaa ilaaltu katabe.

[3]. Eela Ruumaa ja’amtu tan Bishaan Isii bareedaa eenyutu sahaabotaaf bite?

  1. A| Abdallaah bin salaam
  2. B| Usmaan ibnu Owfii
  3. C|Usmaan ibnu Affaan
  4. D| Abu ayyuub

[4]. Guyyaan rasuulli s.a.w warra isaani waliin jiru wajji Qubaa'a gahan?

  1. A| al-hada/sanbata
  2. B| al-isniina/wiixata
  3. C| al-kamiis/kamisa
  4. D| al-jum'aa/jimaata

4-》"B" Isiniina Rabi’ul Awwal 12, amata 14ffaa eega Nabiyyii tahe boodaan. Guyyaa sanirraa barri Hijiraa tokkoffaan lakkaawame.

[5]. Nabiyyiin s.a.w dura madiinaa keessatti?

  1. A| Walii galtee katabe
  2. B| muhajiraa fi ansaara obboloomse
  3. C| masjida ijaare

[6]. Akkaataa masjidni rasuulaa s.a.w madiinaatti itti ijaaramte ibsi.

6》●Gaalli Rasuulaa sallallaahu Aleeyhi wasallam bakka Masjidni Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi wasallam itti ijaarame geenyaan gad teeyse. Bakka san akka Masjidni Nabii Sallallaahu aleeyhi wasallam irratti Ijaaramuuf Rabbiitu file.  Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa Cancala Gaala Isaa qabanii nu bira qubadhu ja’aniin: “Dhiisaa Isiin ajajamtuudha.”  Ansaarootaan jechaanii ture. 

[7]. Jum'aan duraa nabiin s.a.w waliin salaatamte eessatti?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

7》●Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam ganda Banii Saalim bin Owfi hoggaa gahe yeroon Salaata Jum’aa geeyse. Bakka <<Waadii Raanuunaa’i” ja’amutti Muslimoota hanga nama 100 tahan waliin Salaanni Ju’maa kan Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam gaafa san salaate sun Islaama kheeysatti jum’aa dura salaatamte. 


☆ Gaaffiif deebii marsaa 35ƒƒaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 5ffaa irraa


[1]. Wahyiin jihaada karaa gootu, osoo rasuulli s.a.w _ jiruu itti buute.

  1. A| Madiinaa akkuma dhaqeen
  2. B| Makkaa
  3. C| hijraaf karaa jiru.
  4. D| erga madiinatti sabatee.

[2]. kan gadii keessaa kamtu adda?

  1. A| Garee waraanaa
  2. B| Ergamtuu waraanaa
  3. C| Duula waraanaa
  4. D| Murna waraanaa

" 2-》"C" sadeen hafan gartuu waraanaa kan rasuulli s.a.w duula sana keessatti hin argamin, maqaa ittiin yamamanidha.

[3]. Rasuulli s.a.w duula meeqa godhe.

  1. A| 25 #B| 29 #C| 15 #D| 21

[4]. hogganaan waraanaa kan jalqabaa mushriktoota booji'uun, boojii qabatee madiinatti gale?

  1. A| Hamza ilma abdulmuxxalib
  2. B| Abdallaah ilma jahshii
  3. C| kaalid ilma waliid
  4. D| Ubeeydaa ibnu al haris

[5].. Duulli rasuulli s.a.w keessatti hirmaate tan duraa fi tan xumuuraa

  1. A| Ghazwaa & sariyyaa.
  2. B| Waddaan & Tabuuk.
  3. C| badru jalqabaa fi lammaffaa
  4. D| badrii fi uhud.

[6].. Wahyiin Soomana baatii ramadaan dirqama gootu, bara hijrii meeqaffaa fi ji'a kam keessa buute?

6》●Amata Hijiraa lammaffaa, baatii Sha’baan kheeysa Wahyiin Soomana Ramadaanaa dirqama gootu Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irratti buute.

[7].. Garaagarummaan gazwaa fi sariyyaa maali?

7》●Siiraa Rasuulaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam keeysatti “Al-Ghazwaa” hoggaa ja’an duula Rasuulli s.a.w ifiif keeysatti argame itti baanan. Duula san kheeysatti lolli argamus,argamuu baatus waan inni kheeysatti argameen Al-Ghazwaa ja’aniin. Ghazwaa (Duulli) Rasuulli s.a.w godhe 21,tan duraa Duula “Waddaan” ja’amti, tan xumuraa Duula “Tabuuk” ja’amti. Duulli Rasuulli s.a. keeysa hin jirre“Sariyyaah” ja’amti. Garee waraanaa ykn ergamtuu waraanaa ykn Murna waraanaati. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ 15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)15:14, 18 May 2024 (UTC)~

☆ Gaaffiif deebii marsaa 36ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 6ffaa irraa



[1].. iidiin jalqabaa kan rasuulli s.a.w godhan hijrii _ keessaa. Ijifannoo lola badriin booda.

  1. A| 1ffaa #B| 2ffaa
  2. C| 3ffaa #D| 4ffaa

[2].. Sahaabiin kabajamaan ilmaan rasuulaa s.a.w lama fuudhe enyu jedhama (erga tan jalqaba fuudhe jalaa gara akiraa deemtee tan biroo fuudhe)

  1. A| Aliyyi ilma abii xaalib
  2. B| Usmaan ilma Owfii
  3. C| Usmaan ilma Affaan
  4. D| deebiin hin jiru

[3].. Baniin madiinaa keessaa erga lolli badrii goolabmtee muslimoonni injifatuu isaaniif hisdummaan waadaa rasuulaa s.a.w diiganii shororkaa eegalan______

  1. A| qureeyshii #B| Qeeynuqaa'i
  2. C| sawiiq #D| hunduu

[4]. Bara hijrii 2ffaa keessa. Aliyyiin ilma Abii xaalib ilma rasuulaa s.a.w fuudhe.

  1. A| Faaximaa #B| kulsuumaa
  2. C| Ruqiyyaa #D| B & C

[5]. Guyyaa waraanni walitti dhoohe sana gama muslimaa fi kuffaara qureeyshiitiin baay'inni loltuu gama lamaani ida'ame 100%. waraanni kan gama muslimaa qofti parsantaa meeqa ta'a?

  1. A| 19.4 % #B| 20 %
  2. C| 23.8 % #D| 33.7 %


1-》"B" 2-》"C" Ruqiyyaa intalti Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam lola Badri guddittii booda duute. Jaarsi isii Usmaan bin Affaan ture. Usmaan Isiirraa Ilma Abdullaahi ja’amu argate, garuu Jollummaan du’e. Rabi’u Al-Awwal, bara Hijiri 3ffaa Usmaan bin Affaan Ummu Kulsum intala Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi wasallam fuudhe. Eega Obboleeytiin Isii Ruqqiyyan duute booda Isii fuudhe. Usmaan Ummu Kulsum irraa ilmoo hin arganne.

3-》"B" 4-》"A"Aliyyi bin Abii Xaalib Faaximaa intala Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam fuudhe. Aliyyi bin Abii Xaalib Faaximaa irraa ilmaan 5'n argate. Isaanis: ①.Hasan ②.Husseen ③. Muhassin ④. Ummu Kulsuum ⑤.Zeeynab

5-》"C" Waraanaaf kan dhufe. Muslimtoonni = 319 Mushriktoonni = 1319 ture garuu boodarra baniin zuhraa namni 300 of duuba deebi'e. Kanaaf mushriktootarraa 1319-300=1019

Gama lamaan yoo ida'amu 1338, kan muslimaa qofti parsantaan 319/1338 × 100 = 23.8%

[6].. Sababaan duulli badrii guddoo argamteef maal ture?

6》●Sababaan Duulli Badrii argamteef: Abuu Sufiyaan bin Harb Shaam irraa Shammada Qureeyshii guddaa qabatee gama Makkaa akka deemaa jiruutu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dhaqqabe. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Qabeenya Qureeyshii guddaa karaa jiru san dhageenyaan Sahaabootaan: “Shammadduun Qureeyshii (dhufaa jirti), Qabeenya Isaaniitis harkaa qabdi, Gama Isii bahaa Rabbiin Boojuu teeysan godhuutu mala.” Je’een.

[7].. Duulli badrii guddittiin yoom gaggeeffamte?


7》● Duulli Badrii guddittiin guyyaa Jum’aa, Ramadaana 17, Bara Hijrii lammaffaa kheeysa godhamate. Duula Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godherraa Isiin 5ffaadha.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※


☆ Gaaffiif deebii marsaa 37ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 7ffaa irraa


[1]. Baatiin lolli uhud keessa gaggeefame?

  1. A|.rajaba #B| sha'abaan
  2. C| shawwaal #D| Ramadaana

[2]. Duula uhud irratti sahaabot meeqaatu wareegame

  1. A| 100 #B| 140 #C| 10 #D| 70

[3]. Balaan hamtuun hijrii 4ffaa keessa sahaabii tuqxe sun tami.

  1. A| balaa hamzaa wareegamuu
  2. B| Balaan "Bi’iri Ma’uunaa”
  3. C| Balaa "Sariyyatu Ar-Rajiihi” "
  4. D| balaan mudate hin turre.

[4]. Hamzaan ilma Abdul-muxxalib gaaf lola kamii shahiide?

  1. A| Lola badrii #B| Lola mu'ataa
  2. C| lola uhud #D| lola tabuu

[5]. Sahaabiin rasuulli (s.a.w) ulee keenneefi, erga inni du'e boodas ulee isaa sana waliin awwaalame?

  1. A| Abdullaahi bin Uneeysiin
  2. B| Hamzaa ilma abdul-muxxalib
  3. C| Hanzalaa ibnu aamir
  4. D| usmaan ibni affaan

[6]. jaalala addaa tan gaaf lola uhud booda mul'attee, jaalala sahaabiin nabiif s.a.w qaban ibsitu keessaa mee waahe intala gosa dinaaraa?

6》●Intalti Gosa diinaar takka dubartoota Madiinaa wajjiin warra duula Uhud irraa galaa jiran qeebaluuf baate. Jaarsi Isii, Obboleeysaa fii Abbaan Isii Uhuditti wareegamanii jiran. Jaarsii kee, Obboleeysa keetii fii Abbaan kee wareegaman jechuun itti himan.Isiin: “Rasuulli Rabbii Sallallaahu aleeyhi wasallam maal tahe?” jettee gaafatti.“Yaa Haadha Abaluu, inni nagaya qaba, Alhamdulillaah.” ja’aniin.“Mee na agarsiisaa hangan Isa argutti.” Jetti.Bakka Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam jiru itti akeekan, hoggaa Isa agarte:“Musiibaa hundi si boodaan laaftuudha.” Jette.

[7].Duul uhud irratti rabbiin sahaabota maal barsiise? Miidhaan nabiin s.a.w irra gahees maal fa'a ture?

7》●Duulli Uhud irra ulfaattuu duuloota Rasuulli s.a.w gaggeeysee irraa lakkaawamti.isaa turte. Balaan gaafa san akkaan jabaatte. ilkeen Rasulli s.a.w ni caphsamte, kooffiyyaan Sibilaa mataa Isaa irratti caphxee mataa isaa urte. Balaan gaafa san akkaan jabaatte. Duulli Uhud Sahaabootaaf qormaata guddaa turte. Nabiyyii s.a.w akkamitti akka ittisan Rabbi Isaan mokkore, Sahaaboonnis haala gaariin qormaata san dabran. Duula Uhud irratti Rabbiin Ergamaa Isaa s.a.w du’aan akka Isaan jidduu fuudhuu dandahu Sahaaboota barsiise.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※




☆ Gaaffiif deebii marsaa 38ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 8ffaa irraa


_________________

🔎[1] Suuraan qur'aanaa waa'ee duula banii Al-nadiir ibsitu?

  1. A|Suuraa Qasas #B|Suuraa Toowbaa
  2. C| Suuraa hajjii #D| Suuraa Hashrii

🔎[2] Sahaabiin rabbiin maqaa isaa qur'aana keessatti yaame?

  1. A| A'ishaa #B| Zeeynabaa
  2. C| Zeeydi #D| Bilaal

🔎[3] Mataan munaafiqoota kan gaafa al-musxaliq muslimoota wajjiin bahe?

  1. A| Abdallaah ibnu ubbeyyii
  2. B| Al-haaris ibnu diinaar
  3. C| abu jahli #D| abu sufaan

🔎[4] Gaafa duula badr al akiir loltuun gaafa sana lolaaf qophaawe hangam ture kan gama islaamaa?

  1. A| 1000 #B| 1500 #C| 500 #D| 800

🔎[5] Rasuulli (s.a.w) eenyuun fuudhuun Aadaa warra jaahiliyyaa faallesse?

  1. A| khadija (r.a) #B| Zeeynabaa (r.a)
  2. C| Aa'ishaa (r.a) #D| juweeyriyyaa (r.a)

🔎[6] Duula badri xiqqoo keessatti maaltu maal ta'e?

6》●Sababaan:Abuu Sufiyaan Duulli Uhud hoggaa raawwatte Nabiyyiif S.a.w amata dhufu Badritti akka lolaaf wal qunnaman beellama seeneefi ture. Sababaan akkasitti Duula Badrii Xiqqoo jechuun moggaafamteef waan lolli isii keeysatti hin argaminiif.Rasuulli s.a.w Nama 1500 wajjiin gama Badrii Bahe. Abuu Sufiyaan nama kuma lama qabatee Makkaa bahe. Abuu Sufiyaan lola ifiif beellama godhe san jibbaa, sodaataa Makkaa bahe. * Nabiyyiin S.a.w Abuu Sufiyaan qunnamuuf Badrii dhaqe. Abuu Sufiyaan hoggaa Usfaan bakka ja’amtu gahe Sodaan itti jabaatte, Rabbiin qalbii Isaa keeysatti sodaa darbe, if duuba gama Makkaah deebi’e.

🔎[7] Waa'ee duula banii Al-nadiir irraa waa ibsi?


7》●Duulli sun Yahuudaa wajjiin godhamte tan lammaffaati. Sababaan Isii,Yahuudaatu Rasuula s.a.w Ajjeesuuf mala dhahe. *

Rasuulli s.a.w itti dhaqee ganda Isaanii keeysatti Isaan marse. Rabbiin Sodaa qalbii Isaanitti darbee harka kennan. Madiinaa gad lakkisanii akka bahan Rasuulli s.a.w wajjiin waliigaltee godhan. Waan Gaalli Isaanii fi’achuu dandahu fi’atanii Madiinaa bahan.

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆ Gaaffiif deebii marsaa 39ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 9ffaa irraa



☆ [1] Waraanni Ahzaab Islaamummaa yeroo dhumaatiif buqqisuuf karoorfatee dhufe ergasii hongawee deebi’e. Baay'inni isaa meeqa ture?

  1. A| 100 #B| 1,000
  2. C| 10,000 #D| 100,000

☆ [2] Naannawa Madiinaatti Boolla akka qotan kan yaada kenne.

  1. A| zeeyd ilma haaris
  2. B| muhaamed ilma maslamaa
  3. C| rasuula s.a.w
  4. D| Salmaan al-faarisii

☆ [3] gosa Yahuudaa Madiinaa keeysaa walii galtee rasuulaa s.a.w diiguudhaan dubbii muslimoota irratti hammeeysite?

  1. A| banii Qureeyzaa
  2. B| banii gahxfaan
  3. C| banii Zuul-qassaa
  4. D| banii suleeymii

☆ [4] Murtii gosa yahuudaa madiinaa keessaa tan islaama gantee/waadaa diigdee, enyutu murti rabbiin jaalatte itti mure?

  1. A| Muhamed ibn maslamaa
  2. B| Rasuula s.a.w
  3. C| sa'ad ilma mu'aaz
  4. D| salmaan al-faarisii


☆ [5] Isa kamtu adda?

  1. A| Ukaashaa bin Mihsin gara gosa asaditti
  1. B| Muhammad bin Maslamaa gara Banii Sa’alabaa warra Ghaxfaanitti
  1. C| Abuu Ubeeydaa bin Al-jarraah gara Zuul-Qassaa.
  1. D| Zeeyd bin Haarisaa gara suleeymii.

Deebiin 5-》"B"Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gosoota Arabaa irraa warra duula Khandaq irratti hirmaatan Ergamtuu/Seeylii waraanaa itti erguun, duula walirraa hin cinne itti godhuun adabaa ture.

Saniirraa rakkoon hamtuun kan irra gahe ergamtuun warra Ghaxfaan jiddutti argame waraana Muhammad bin Maslamaatiin hogganamtu nama 40 Mushrikootaa lakkoofsaan nama 100 tahan Isaan marse. Xiyya itti roobsanii Muslimoota hunda ajjeesan.Muhammad bin Maslamaan dhawamee kufe. Mushrikoonni hundi dhuman ja’anii biraa dabran. Muslimoonni karaa san dabran Muhammad bin Maslamaa arganii baa’atanii Madiinatti galchan. baa’atanii Madiinatti galchan.Sanuma booda Baatii Rabii’i Al-Akhir, Bara Hijrii 6ffaa kheeysa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Abuu Ubeeydaa bin Al-Jarraah Ergamtuu waraana irratti hogganaa godhee gama bakka Zuul-Qassaa ja’amtutti erge. Abuu Ubeeydaan lola irratti banee Isaanirraa boojuu argateen gama Madiinaa deebi’e.


☆ [6] Haati Mu’mintootaa A’ishaan akkana jetti:“Gaafa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam du’ee fii waahiloonniIsaa lamaan (Abuu Bakrii fii Umar) du’an waan hin tahin hanga ____ Sahaaboonni nama du’eef kan gaddan hin agarre.” Eenyu inni sahaabiin kun?

6》●"Sa’ad bin Mu’aaz " •Inni nama du'a isaatiif arshiin rabbii sochoote. • inni nama malaa'ikaan janaazaa isaa baattee

•inni nama gaafa du'a isaa malaa'ikaan 70,000 gama dachii gadi buute.

☆ [7] Duula Khandaq irratti Rasuulaaf s.a.w Mu’jizaan gurguddoon ni argamte. Sanirraa?

7》● Mu’jizaan gurguddoon ni argamte. Sanirraa: • Nyaata waa xiqqoo Heddumeeyse. • Dhagaa Guddaa boolla Osoo qotan Sahaaboonni itti wal dabranii caphsuu dadhaban, Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam dhawinsa sadii dhawee adda facaase. • Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Ruum fii Faaris Muslimoonni akka injiftuuf taa’an itti himuun Sahaaboota gammachiise.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆ Gaaffiif deebii marsaa 40ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 10ffaa irraa



________________

🔎[1] Salaata koowfii(sodaa) dura rasuulli s.a.w sahaabii waliin salaatan, isa kami.

  1. A| Subhii #B| Zuhrii
  2. C| Asrii #D| Magriiba

🔎[2] Rasuulli s.a.w eega Sahaaboota Isaa irraa wa’ada fuudhe booda _ irraa bakka bu’ee harka Isaa mirgaa kan bitaatiin dhawee.

  1. A| kaalid ilma waliid #B| Abubeker
  2. C| Usmaan bin Affaan
  3. D| Ubeeydaa ibnul jarraah

🔎[3] (Wa’ada jaalatamtuu) Waadaa sahaabonni nabiif sallallaahu aleeyhi wassalamiif galan rabbiin suuraa kamiin ibse?

  1. A| fathii #B| baqraa
  2. C| ahzaab #D| toowbaa

🔎[4] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam imala Isaa itti fufee bakka _ ja’amtu gahe. Achitti Khaalid bin Waliid waraana Isaa wajjiin fuul dura Isaaniitti argan.

  1. A| madiinaa #B| makkaa
  2. C| Usfaan #D| ahzaab


🔎[5] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa irraa gama Makkaah gaafa fathii makkaatiif dhufu waraana _wajjiin bahe.

  1. A| 100,000 #B| 1400
  2. C| 10,000 #D| 1000

🔎[6] Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam jalqaba Makkaa nagayaan kan seene _n arge.

6》●"Manaabaan"Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Sahaaboota Isaa wajjiin Makkaa nagayaan kan seene Manaabaan arge.

🔎[7] Walii galtee gaaf sulhii hudeeybiyyaa katabamte keessaa 3 barreessi. 7》● WALII GALTEEN GUYYAA SAN GIDDUU SAHAABAA FI MUSHRIKOOTA GIDUTTI TAASIFAMTE. Waliigalteen qaphxii asiin gadii irratti godhamte: >• Muslimoonni amata kana Makkaa hin seenan, Amata itti aanu Makkaa seenanii Umraa godhan, Isii keeysas guyyaa 3 qofa turan. >• Gosti Arabaa tan Muhammad -Sallallaahu aleeyhi wasallam- wajjiin Wa’ada isaa jala seenuu feete haa seentu, Gosti beellama Qureeyshii jala seenuu feetus haa seentu. >• Namni Makkaa irraa yoo Islaamawe Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhaqe, Qureeyshitti deebifama. Ammoo Namni Islaamummaa irraa deebi’ee Qureeyshitti dhufe Muhamamd sallallaahu aleeyhi wasallam-tti hin deebifamu. Qaphxiin tun Muslimoota akka malee itti jabaatte.

>• Qureeyshii fii Muslimoota jidduutti lolli amata kudhaniif hin godhamu. Namni amata kudhanan San keeysa bakka fedhe deeme gala, lolli gama lamaanuu hin gaggeeyfamu.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※



☆ Gaaffiif deebii marsaa 41ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 11ffaa irraa



__________________

🔎[1] sahaabiin xalaya rasuulaa gama najjaashii geesse?

  1. A| Abdullaahi bin Huzaafaa
  2. B| Amri bin Umeeyyaa Ad-

Damrii

  1. C| Amri Al-Aamirii
  2. D| Dihyaa bin Khaliifa

Al-Kalbii

🔎[2] Namichaan gaala rasuulaa 20 hatee nama tokkoos ajjeesee baqate?

  1. A| Museeylamaa
  2. B| ibnu saluulaa
  3. C| Abdurhamaan bin Uyeeynaa
  4. D| Abbaa suufiyaan

🔎[3] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Ji’a Muharram, bara Hijirii 7ffaa keeysa Xalayaalee____san erge

  1. A| Shanan #B| Afran
  2. C| sadan #D| lameen

🔎[4] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam warra Hudeeybiyyaa irratti Isaa wajjiin argame malee namni biraa akka Isa wajjiin gama Kheeybar hin baane ajaje. Isaan nama______.

  1. A| 500 #B| 10000
  2. C| 1000 #D| 1400


🔎[5] Duula Zuu-Qarad ykn______ jedhamuun yaamama.

  1. A| Ahzaab #B| mu'utaa
  2. C| al-Ghaabaa #D| Keeybar

🔎[6] Rasuulli ja’e: “Arra Irra caalaan nama fardaan gulfee ____, Irra caalaan nama lafa deemaa lolee__________.

6》●Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waan tahe hunda hoggaa arge akkana ja’e: “Arra Irra caalaan nama fardaan gulfee Abuu Qataadaadha, Irra caalaan nama lafa deemaa lolee Salamaah bin Al-Akwa’i”

🔎[7] Duula Kheeybar (Ghazwatu Kheeybar) jedhama. Keeybar jechuun maali? Waa'ee keeybar ibsi.

7》● -Kheeybar maqaa bakkaati.

       -Bakki Balaan Yahuudii hundi irraa qibsiifamtu Kheeybar ture.
       -Ji’a Muharram bara Hijrii 7ffaa keeysa Duulli Kheeybar (Ghazwatu Kheeybar) godhamte. 

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※





☆ Gaaffiif deebii marsaa 42ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 12ffaa irraa


________________________

🔎[1] Duulli kaalid ilma waliid erga islaamawee jalqaba lole?

  1. A| Zatu riqaa'i #B| uhud
  2. C| Keeybar #D| Mu'utaa

🔎[2] Hoggaa ajajaan sadaffaan Abdullaahi bin Rawaahaa mu'utaa irratti ajjeefame namni alaabaa lafaa kaase

  1. A| Zeeydi #B| Ja'afar
  2. C| Saabit bin Aqram
  3. D| kaalid bin waliid

🔎[3] Dursaan Ajajaan gaafa duula mu'ataa kan dursa shahiide.

  1. A| Zeeyd bin Haarisaa
  2. B| Ja’far bin Abii Xaalib
  3. C| Abdullaahi bin Rawaahaa
  4. D| deebii hin qabu.

🔎[4] Erga waggaa meeqaatii Nabi s.a.w Umratu Al-Qadaa’if makkaan dhaqe?

  1. A| 5 #B| 6 #C| 7 #D| 8

🔎[5] lolli sababa Al-Haaris binu Umeeyrii gama Shaam xalayaan ergame ajjeefamnaan lolame?

  1. A| Mu'utaa #B| Badri
  2. C| Kandaqi #D| Keeybari

🔎[6] Ghazwatu Zaati Riqaa’i Afaan Oromootin maal jechuudha?

6》●"Wanni akkasitti moggaafamteef sababaa Sahaaboonni miila Isaanii irratti cirqii mammarataniifi, kopheen hin qaban ture. Ghazwatu Zaati Riqaa’i Afaan Oromootin duula gaafa carqii akka jechuuti. Isii keeysatti carqiin bakka kophee akka Isaaniif buutu miilatti mammaratan.

🔎[7] Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam Islaamawu Isaaniitin haalaan gammade. Isaan agarraan Sahaabootaan akkana je’e: “Makkaan irra caalaa ilmaan Isii isinitti darbite.” enyu isaan?

7》●"Khaalid bin Al-Waliid, Amr bin Al-Aas fii Usmaan bin Xalhaa. Baatii Safar amata Hijiraa 8ffaa kheeysa Islaamawanii Madiinaa dhufan."

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

☆ Gaaffiif deebii marsaa 43ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 13ffaa irraa



[1].Rasuulli sallallaahu aleyhi wassalam furtuu ka'abaa banii kamiif kenne?

  1. A| banii Haashim
  2. B| banii abdi-manaaf
  3. C| banii Xalhaa
  4. D| banii usfaan

[2] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallim Fatwaa hedduu godhe, Sanirraa: Haraamummaa gurgurtaa:

  1. A| Farshoo #B| Waan Ifiin du’e
  2. C| Karkarroo #D| Taaboota #E| hundaa

[3] Nabiyyiin Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana je’een: “Namni mana_____ seene nagaya bahe, namni Masjida seene nagaya bahe, Namni hulaa Isaa ifirratti cufate nagaya bahe.”

  1. A| Usmaan ilma xalhaa
  2. B| Abbaa suufiyaan
  3. C| Amr bin Saalim
  4. D| ibni waliid


[4] Inni nama booddee/xumura gama Madiinaatti hijiraa godhuuf deemaa ture.

  1. A| Abuu zarri #B| Qataadaa
  2. C| Sa'ad bin waqqaas
  3. D| Abbaas bin Abdu Al-Muxxalib

[5] Waraanni guddaan kan eega Nabiyyummaatii walitti qabame?

  1. A| 10,000 #B| 100,00
  2. C| 2000 #D| 20,000

[6] Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Injifannoo Guddoof qophii jalqabe. Rasuulli sallallaahu Aleeyhi wasallam:

“Yaa Rabbi.____" Jechuun eegalee du'aa'ii lama jabduu Rabbin kadhate.

6》●" Yaa rabbii basaastuu nurraa qabi, Oduu teenyaa qureeyshii irraa qabi. "

[7] Fathii makkaa jechuun maali? gabaabinaan ibsi.


7》● Gabaabinaan. injifannoo guddoo ,gaafa makkaan islaamaaf banamteeti. Wantoonni shirkiidha achi keessaa dhabamsiifamuun, Makkaan islaamaaf banaa taatee, isii keessattis akka Rabbiin qofa itti gabbaran taateedha.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※


☆ Gaaffiif deebii marsaa 44ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 14ffaa irraa


________________________

[1] Huneeyni jechaan maqaa maali?

  1. A| bakka #B| laga
  2. C| gaara #D| holqa

[2] waa'ee waan guyyaa huneeyni sana keessatti ta'ee, Rabbiin suuraa kam keessatti nuuf ibse?

  1. A| suuraa Qasas #B| suuraa Towbaa
  2. C| suuraa Anfaal #D| suuraa khafi

[3] Malaa'ikoonni lola kam irratti kallattiin loluuf dhufan?

  1. A| Huneeyni #B| badri
  2. C| lola uhud #D| zati riqaa'i

[4] Haat iIbraahim (ilma nabii s.a.w) eenyu

  1. A| ummu kulsuum #B| Aa'ishaa
  2. C| khadijaa #D| Maariyaa


[5] Duulli huneeyni irraan itti fufte?

  1. A| Duula xaa'if #B| Duula kazrj
  2. C| Duula keeybar #D| Duula Riqaa'i

[6] ____akki je’e:“Hoggaa lolli jabaatte, Ormi seeyfiin walqunname, Ergamaa Rabbii Sallallaahu aleeyhiwasallam biratti dheeysina, Isaan tiiyfamna.”

6》● Aliyyii ilma abii xaalib

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※


[7] Ammiirri makkaa kan jalqabaa eenyu ?

7》● Attaab ilma Useyd


☆ Gaaffiif deebii marsaa 45ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 15ffaa irraa



____________________

[1] Nabiyyiin s.a.w karaaTabuuk osoo deemu Ganda____kheeysaan dabre. Hoggaa achi gahe yaabbii Isaa jarjarsuun dafee kheeysa dabre. Eegasii Rasuulli s.a.w Sahaabootaaf gorsa godhe, Gorsa san kheeysatti bakka warri dur kheeysatti azaabame akka hin seenne Isaan dinniine.

  1. A| Samuud #B| saalih
  2. C| munaafiiqaa #D| Mushirikootaa

[2] mooticha Dowmata Al-Jandal Nabiyyiif s.a.w Gaangeefii Koota Sundus irraa dhawame kennaa ergeef.

  1. A| Najjaashii #B| Ukeeydar
  2. C| Qeeysar #D| deebii hin qabu.

[3] Gaara __ hoggaa arge:“Kuni Gaara nuti jaalannuufi innis Nu Jaalatu.” je’e.

  1. A| Gaara Hiraa #B| Gaara uhud
  2. C| Gaara Safaa fi marwaa
  3. D| Gaara soowrii

[4] Nabiyyiin s.a.w Dihyaat Al-Kalbii Xalayaan gama Mooticha Ruum Qeeysaritti erge. Xalayaa san kheeysatti filannoo sadi kaayaniif. Filannoon Qeysar filate kam ture?

  1. A| Lola #B| Jizyaa kaffaluu
  2. C| islaamummaa qeebaluu
  3. D| sadeenuu diduu.

[5] Duulli xumuraa tan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam duule?

  1. A| Mu'utaa #B| Huneeyni
  2. C| Tabuuki
  3. D| Al-Usraa #E| C & D

[6] Najjaashiin Amata hijrii meeqaffaa fi baatii kam keessa du'e?


6》●Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate.

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

[7] Warri siiraa Amata hijrii 9ffaa maal jedhaniiti yaamu?


7》● Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture.

☆ Gaaffiif deebii marsaa 46ffaa


☆Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 16ffaa irraa


[1] Hajjiin dhaammannaa rasuula s.a.w amata hijrii meeqaffaa keessa raawwatame?

  1. A| 11 #B| 10 #C| 12 #D| 9

[2] Waraana ruumiif qophaawe irratti hogganaan eenyu?

  1. A| kaalid ilma walid
  2. B| Usaamaa bin Zeeydi
  3. C| hamzaa
  4. D| zeeyd ilma haaris


[3] Nabiin hajjii isaa _ gochuun raawwate

  1. A| xawaaf al quduum
  2. B| wareega qaluun
  3. C| Xawaafa Al-Wadaa’i
  4. D| zamzama dhuguun

[4] Lafa___ Nabiyyiin s.a.w Khuxbaa Isaa beekkamtuu, Khuxbaa Arafaa GaalaIsaa irra taa’ee godhe.

  1. A| Uranaatti #B| Arafaatti
  2. C| muzdalifaatti #D| baqii'i


[5] Nabiin Minaa dhaqee harka Isaa kabajamtuudhaan Gaala ___qale

  1. A| 63 #B| 60 #C| 100 #D| 160

[6] Gosoonni hidhannaa hajjii Meeqa? Kan nabiin s.a.w hajjatu al-wadaa'i irratti godhe hoo kami?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

6》● Gosonni hidhannaa hajjii sadi. {1.}At-tamtu’u: Namni tokko Baatiilee Hajjii kheeysatti Umraa hidhata,hoggaa Umraa sanirraa Raawwate ni hikkata. Hajjiif Guyyaa Tarwiyaa haarawatti bakka jiruu hidhatuudha. {2. Al-Qiraan: ammoo bakka hidhannaa (miiqaata) irraa Hajjii fii Umraaf walirratti hidhatuudha. “Labbeeyka Umratan wa hajjan” jechuun hidhata.} {3. Al-Ifraad: Hajjii qofa hidhatuudha, kan Umraan kheeysa hin jirre. “Labbeeyka Hajjan” jechuun hidhata.}

Kan nabiin hidhate “Qiraana”

[7] Maaliif hajjatu al-wadaa'i Yookaa hajjii dhaammannaa jedhame?

7》●Sababaan akkas ja’anii moggasaniif Nabiyyiitu sallallaahu aleeyhi wasallam isii kheeysatti Ilmaan namaatti dhaammate, eegasii Hajjii biraa hin goone.

☆ Gaaffiif deebii marsaa 47ffaa


Seenaa Rasuula {S.A.W} kutaa 17ffaa



________________________

[1] Rabbiin ol tahe akkana je’e: "

وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُۚ أَفَإِي۟ن مَّاتَ أَوْ قُتِلَ ٱنقَلَبْتُمْ عَلَىٰٓ أَعْقَٰبِكُمْۚ وَمَن يَنقَلِبْ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ فَلَن يَضُرَّ ٱللَّهَ شَيْـًٔاۗ وَسَيَجْزِى ٱللَّهُ ٱلشَّٰكِرِينَ "

  1. A| Suuraa Aal-e-Imran
  2. B| Suuraa Al baqraa
  3. C| Suuraa Muhaammed
  4. D| Suuraa Anfaal

[2] Umriin Nabii sallallaahu aleeyhi wasallam amata _.

  1. A| 60 #B| 70 #C| 63 #D| 53

[3] Hoggaa irratti salaatanii raawwatan eeysatti akka Nabiyyii s.a.w awwaalan sahaaboonni wal gaafachutti seenan.

Gama erganii gaafatan. _: “Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasllam dhagayeetin jira kan ja’u: Rabbiin Nabiyyii tokkollee bakka inni itti awwalamu jaalatutti malee hin ajjeesu.” Je’e.

  1. A| Umar ilma kaxxaab
  2. B| Abbaa bakrii
  3. C| Aliyyii ilma Abii xaalib
  4. D| Usmaan ilma Affaan

[4] Rasuulli s.a.w sadarkaa Abuu Bakrii, Sadarkaa Ansaarootaa dubbatee Isaan naaf jabeeysaa jechuun dhaammate. Akkasumas Sadarkaa_____dubbatee inni nama akkaan amirummaan Isaan maltu tahuu Ibse.

  1. A| Usamaan ibni Affaan
  2. B| Aliyyii ilma Abii xaalib
  3. C| Usaamaa bin Zeeydi
  4. D| Abbaa bakrii


[5] Rasuulli s.a.w mana __dhukkabsachiifamuuf Beerran Isaa hayyama gaafate.

  1. A| Faaximaa #B| A'ishaa
  2. C| kadiijaa #D| Meeymunaa

[6] Mallattoolee dhiheenya ajala (du’a) Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam mul'isan.


※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

6》● 1- Suuraan An-Nasrii bu’uu.

2- Jibriil wajjiin amata dhumaa hoggu lama Ramadaana kheeysa Qur’aana buusuu.

3- Ibaadaa kheeysatti Nabiyyiin sallallaahu Aleyhi wasallam jajjabaachuu.

4- I’itikaafa Ramadaanaa dachaa godhu.

[7] Rabbitti yaada toluu jechuun?

7》● Du’uu Isaatiin dura guyyaa sadii Rasuulli sallallaahu aleeyhiwasallam Sahaaboota Isaa akka Yaada Rabbii Isaanitti tolan dhaameef: “Tokkoon kheeysan Osoo waan Rabbitti yaadu hin tolchin akka hin du’in.” je’een.

Imaamu An-Nawawiin akki je’u: Hadiisni kuni garaa muratuu irraa nama dinniina, Rabbitti yaada toluu jechuun: Rabbiin naaf rifata, Irra naaf dabra ja’anii yaaduudha.